Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Walgahiin Maree Ummataa Magaaleewwan Lakkuu Minneapolis fi St. Paul Keessatti Geggeeffame Milkiin Xumuramera


Adoolessa/July 5, 2008

Walgahiin maree Miseensotaa, Deggertoota ABO fi Ummata Oromoo ballaa waliin gaafaa Adoolessa 5, 2008 magaalaa Minneapolis keessatti geggeffame haala hedduu nama gammachiisuun xumuramee jira. Walgahiin maree kun kan qindaa’e fi waamame Konya Oromiya ABO  Minnesotaatiin yeroo ta’u bu’urri walgaii kun haalaa biyyaa keenya keessaa, haalaa naanno keenyaa fi walumaa gala dirqama Oromummaa tokkoo tokkoo keenya irraa barbaachisu akkamiin baana kan jedhu irratti mari’achuun kan xiyyeeffate ture mata dureen isaa . Qopheen kun kan ta’e haala mareef tolutti akkasumas hirmaattoti walgahichaa waliin taa’ani irbaatas akka nyaataniif Hotela Crown Plaza jedhamu keessatti ta’e. Hirmaattoti maree fi irbaata kana irratti argama dhibba lamaa fi shantamaa (250) ol ta’an baasii Galmaa fi Irbaataaf kan oluu tickeeta dursanii kan bitatan yeroo ta’u kanneen dursanii hin bitiinis balbaallarratti baasanii seenani jiru. Guyyaa kana galmaa fi uffati keessummootaa hangi ta’e alaabaa Oromoon kan guutee fi miidhage turee.

Walgahii maree kanaa  Koreen Hojii Geggeessituu Konya Oromiya ABO Minesoota fi miseensoti isaa bifaa  addaa fi miidhagaan qopheessu irratti qooda wal qixa fudhachuun deggertootaa fi ummata Oromoo kanaan dura waltajjii akkasii irratti argamuuf carraa hin argatin golee mara gahuun qaqqabanii akka isaan dhufanii yaada kennatan taasisuu irratti qooda isaan qabaatan kan dinqsiifamuu dha.  Haalli qindoominaa fi bareedinni sagantichaa namoota bakka kanatti argamanitti hedduu waan tolee miidhageef jecha sagantaa kun yoo xiqqaate baatii 4n deddeebi’ee akka qophaa’uu gaafatanii jiru

Walgahii maree kana irratti kan argaman Hooggana dhaaba Adda Bilisummaa Oromoo olaanaa keesaa itti gaafaatamaa DDA fi Diplomasii kan ta’an J/Dr. Fido Eebba yeroo ta’an sirna baninsa mare irratti ummati Oromoo Aadaa wal-mari’achuu akkasii gabbisuun qabsoo Oromoof akka bu’aa buusu ibsuun itti dabaluun haala yero ammaa qabsoon bilisummaa Oromoo keessa jiru bali’naan ibsanii jiru.  J/Dr. Fidoon ibsa isaanii keessatti akkaa hubachiisanitti ABOn qabsoo hanga ammaa godhe keessatti bu’aa guddaa akka argamsiisee jiruu fi galii kaayyoo keenyaa ga’uuf ammo qooda fudhannaan ummataa fi deggertootaa bakka ol aanaa akka qabuu jala eeranii dubbatanii jiru.  Akkasumas Oromoon halagaa firoomfachuun qabsoo kanaaf bu’aa guddaa buusa waan ta’eef, ABOnis ta’e ummatni Oromoo saboota olla waliin nagaan jiraachuu fi waliigaltee jabaa qabaachuun barbaachisaa fi murteessaa akka ta’e dubbataniiru.  Gama biraan gadi jabeessanii kan isaan dubbatan ummati Oromoo biyya alaa jiru dhimmee halagaa firoomsachuun rakkoon Oromoo addunyaatti fi mootummoota biratti dhageettii akka argatu akka taasisan dhaamanii jiru.  Haala kana irrattis hojjechuuf deggertootii ABO fi ummati Oromoo walghii kana irratti argaman  waadaa galanii jiru. 

Waltajji kana irrattii gaaffiilee fi yaadi heddun ka’an daangaa utu hin godhiin hirmaattoti waan itti dhaga’me, yaaddoo isaani akkasumas yaadaa isaani yeroo gumaachan waltajjin akkasii kun aadaa haaraa akka ta’ee fi kan itti fufus qabu ta’u akeekani jiru. Walumaa galatti Maree guyyaa kana irra kan baratame ummatni Oromoo yeroo fedheyyu waamicha ABOn godhuuf mamii tokko malee akka jala hiriiru kan durii caalaa mullisee jira. 

Walgahii maree kana irratti yaada deggertootaa fi ummata achitti argame irraa dhiyaatee fi  akka murtee mare kannatti kan dhihaate akka armaan gadiitti taa’ee jira..

  1. Maree fi walitti dhufeenyi kun osoo addaan hin citin itti  ha fufu
  2. Filmaata biyya Ameerikaa keessatti geggeeffamu utubuun Oromoo lammii Ameerikaa ta’an akka filan kanneen hin ta’in ammoo karaa barbaachisuun wara filamuuf deeman akka gargaaran
  3. Koreen konyaa Oromiyaa akka ogummaa fi dandeetti namootaatti dalagaa qooduun dalgaa bu’aa qabu akka hojisiistu
  4. Deggertoota ABO murna murnaan caasaalee adda addaa keessatti akka mijatutti ijaaruun gargaarsa akka goonu taasisuu
  5. Barnooti barbaachisoo tahan yeroo yerootti gama dhaabaan qindaa’ee akka deggertootaa fi ummataaf kennamuun sadarkaa dammaqiinsa isaanii ol ka’u
  6. Hogganni dhaabaa haala dhalatu irratti akka barbaachisummaa isaatti ibsa xaliila’aa ta’e kennuun ummata afaan fajjii akka oolchu danda’a
  7. Olola dinni addaan nu qoqqoddu Oromoota gidduu deemee odeessu osoo dabarsanii jarjartiin hin facaasin adda baafachuu fi dhugaa jirtu baruu

Konyaan Oromiyaa ABO Minnesootaas sagantaa bareedaa akkasii haala kana caalaa midhagaa fi qinda’waa ta’een akka deebi’ee deggertootaa fi ummata waamu ummati gaafataniif waadaa galuu isaa irra deebi’ee mirkaneessuun mariin seena qabeessi kun injifannoon xumuramee jira. 

Injifatnoo Ummata Oromoof!

 

Koree Hojii Geggeessituu Konyaa Oromiya ABO Minnesota.

 

 


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net